Godinichatti oomishni Barbaree kuntaalli kumni 500 ol walitti qabame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Godina Harargee Lixaatti hanga ammaatti oomishni barbaree kuntaalli kumni 500 ol walitti qabame jedhe Waajjirri Qonnaa Godinichaa.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Harargee Lixaa obbo Bushuraa Aadam bara kana aanaalee godinichaa 15 keessatti lafti heektaarri kumni 43 ol oomisha barbareen uwwifamuu himan.

Wayita ammaa godinichatti oomishni barbaree gahe sassaabamaa jiraachuu eeran.

Hanga ammaattis kuntaalli kumni 500 ol walitti qabamuu kaasan.
Godinichatti xiyyeeffannoo misooma mi’eessituuwwaniif kennameen aanaalee horsiise bulaatti lafti bal’aan jallisiin misoomaa jiraachuu ibsan.

Fayyadamummaa horsiise bulaa mirkaneessuuf walitti hidhamiinsa gabaarraatti xiyyeeffannoon hojjatamaa Obbo Bushuraa Aadam dubbataniiru.

Oomishni Barbaree godinichatti misoome magaalota akka Dirre Dhawaa, Harar, Jigjigaa, Adaamaafi biyyoota ollaa akka Jibuutiif dhiyaachaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni mul’isa.

Nageessoo Kadiiriin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment