Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Godina Wallagga Bahaatti Pirojektoonni 245 Birrii biiliyoona 1.1’n oliin ijaaraman eebbifamaa jiru.
Godina Wallagga Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Angar Guuteetti Pirojektoonni misoomaa garagaraa 8 Birrii miiliyoona 89 oliin hojjetamaa turan eebbifamaniiru.
Pirojektoonni eebbifaman kunneen sheediwwan horsiisa loonii, lukkuu, daandii koobilii, manneen gandaa fi waajjiraalee mootummaa tajaajila hawwaasaaf kennan fa’i.
Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastera Magaalaa obbo Masfin Malaakuu, Hoogganaa Biiroo Nageenya Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa, Bulchaa Godina Wallagga Bahaa Obbo Waaqgaarii Nagaraa dabalatee keessummoonni Sadarkaa Federaalaa fi Naannoo biroon saganticharratti argamanii jiru.
Godinichatti bara kana pirojektoonni 245 Birrii biiliyoona 1.1 oliin ijaaraman eebbifamaa jiru jedhan Bulchaa Godina Wallagga Bahaa obbo Waaqgaarii Nagaraan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa bara kana pirojeektota hawwaasa naannichaa fayyadamoo taasisan hedduu hojjechuun eebbisiisaa jira jedhan Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaa Kilaastera Magaaloota Oromiyaa obbo Masfin Malaakuun.
Hawaasni Piroojeektoota kanneen sirnaan kunuunfachuu akka qaban dhaamaniiru.
Akka Godinichaatti pirojektoonni xumuramuun eebbifamaa jiran kunneen hawaasa miiliyoona 1.2 ol fayyadamoo ni taasisu jedhame.
Yohaannis Malkaamuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.