Godinichatti Piroojektoonni 656 Birrii biiliyoona 2.3’n ijaaraman tajaajilaaf banamaa jiru

Finfinnee ,Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Godina Iluu Abbaa Boor aanaalee garaagaraatti Pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan 656 Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 300 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banamaa jiru.

Haaluma kanaan guyyaa har’a Aanaa Hurrumuutti pirojektoonni 37 Birrii miiliyoona 72 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni kunneen Bakka Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaa Siyaasaa obbo Namarraa Bulii argamaniitti eebbifamuun tajaajilaaf banamaniiru.

Obbo Namarraa Bulii haasawa taasisaniin, paartiin badhaadhinaa waadaa ummataaf gale hojii qabatamaatti Jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru.

Mootummaan rakkoo bulchiinsa pirojektii hundeerraa sirreessuun gaaffii ummataa deebisuun, pirojektoota eebbiifamaniin tajaajila ummataaf kennamu fooyyeessuun murteessaadha jedhan.

Bulchaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafariin gamasaaniin, pirojektoonni hojjetamanii tajaajilaaf oolan rakkoo hawaas-dinagdee ummata godinichaa hiikuu bira darbee mallattoo olka’insa biyya keenyaati jedhan.

Pirojektoonni eebbifaman kunneen Tajaajila si’ataa kennuun sochiilee hawaas diinagdee keessatti qooda olaanaa kan qaban ta’u himuu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeshinii godinichaa obbo Tolasaa Asaffaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment