Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan Biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoona 100 fi miiliyoona 96 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hanga ammatti biqiltuuwwan miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 86 ol qophaa’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Walabummaa Raggasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Biqiltuuwwan bosonaa, nyaataa beeyladaa fi nyaataaf oolan buufatalee biqiltuu aanaalee godinichaa 12 keessatti qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Bara darbe biqiltuuwwan miiliyoona 100 fi miiliyoona 83 ol dhaabaman keessaa %91 latuus eeraniiru.
Bara darbe aanaalee godinichaa 5 keessatti biqiltuun bunaa miiliyoonni 2fi kumni 600 ol dhaabamuu kan dubbatan obbo Walabummaan, bara kanaas biqiltuuwwan bunaa miiliyoona 3 fi kuma 600 ol dhaabuuf hojjetamaa jira jedhan.
Godinichatti erga Sagantaan Ashaaraa Magariisaa eegalamee oomishnii fi oomishtummaan dabaluu fi burqaawwan bishaanii gogaanii turan deebi’anii burquu eegaluu kaasaniiru.
Sadarkaa naannootti bara kana biqiltuuwwan gosa adda adda biiliyoona 5 fi miiliyoona 500 ol qopheessuuf hojjetamaa jira.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.