Godinichi rakkoo namtolchee fi Uumamaa keessaa bahe gara oomishtummaatti ce’ee jira- Obbo Saadaat Nashaa

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC )- Godinni Boorana Bahaa rakkoo namtolchee fi Uumamaa keessaa bahe gara oomishtummaatti ce’ee jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantitti Qindeessaan kilaastera Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaan.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hoggantoonni olaanoo naannichAa biroon hojiilee misoomaa Godina Boorana Bahaa daawwachaa jiru.

Godinichi rakko namtochee fi uumamaa keessaa bahuun sadarkaan amma irraa jiru abdaachiisadha jedhan.

Godinichatti piroojektiin finnaa, kilaasterri qonna qamadii fi hojiilee kanneen biraa abdachisaa fi jiruu fi jireenyaa hawaasa kan jijjira jiru ta’u ibsan.

Godinichaatti lafti heektari kuma 60 qamadiin kan uwwifame fi heektarri kumni 40 kilaasteraan misoomuun ibsameera.

Miidhagsaa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment