Finfinnee, Hagayya 27, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa irra deddeebiin hongeen miidhamaa kan ture Godinni Booranaa boqonnaa haaraa irratti argama jedhan.
Obbo Tamsgeen Xurunaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti hojiilee misoomaa garaagaraa kan daawwatan yoo ta’u godinichatti hongee irra deddeebiin mudatuuf furmaata waaraa kennuuf piroojektii Finnaan hidhawwan 14 ijaaramuu eeraniiru.
Hidhawwan kunneen hanqina bishaaniifi nyaata beelladaa horsiisee bultootaa furuu himaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, uummanni Booranaa hojii warreen kaaniif fakkeenya ta’u hojjechuus ibsan.
Yeroo ammaa horsiisee bultoonni Booranaa yaaddoo hongee akka hin qabne kaasanii, loowwan isaanii dirreerraa quufanii kan galan ta’uufi godinichatti wanti hundi guutuu akka ta’e eeran.
Hoggantoota sadarkaan jiraniifi uummata godinichaa hojii kana hojjetes galateeffataniiru.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.