Goondar Kibbaatti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC )- Godina Goondar Kibbaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbun namoota 7 darbe

Balichi Konkolaataan deddeebisaa uummataa Minibaasii namoota 18 fe’ee Goondar irraa gara Baahirdaaritti imalaa ture konkolaataa fe’uumsaa buufata Yifaag jedhamu dhaabbatee jiru waliin walitti bu’uun kan uumamedha.

Balichaan lubbuun namoota 7 yoo darbu, namoota biroorra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabeera.

Namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Addis Zamanitti wal’aanamaa jiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jira.

Shumat Alamaayyootu gabaase.

Comments (0)
Add Comment