Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) –Goota baraa ta’uu dhugoomsuuf of danda’uuf tattaaffachuun lammiilee hundarraa kan eegamu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Bilisummaan Itiyoophiyaa wareegama dhiigaa fi lafee goototaan kabajamee har’a gahuu himeera.
Gootota durii wareegama dhiigaa fi lafeen biyya dhaloota dhaalchisaniif kabajnii fi galatni akka maluuf Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Gootota kabaja kana ishee goonfachiisaan yaadachaa dhaloota akkasii horachuun bilisummaan Itiyoophiyaa kabajamee akka itti fufu hojjechuun murteessaa ta’uu eereera.
Bilisummaan biyya tokko injifannoo yeroo tokkoon qofa hin mirkanaa’u.
Gootummaa yeroon gaafatuun damee hundaan goota ta’uun itti fufiinsaa qabaachuu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Guyyaa Gootota Itiyoophiyaa waggaa 84ffaa ilaalchisee ergaa dabarseen himeera.
Itiyoophiyaan yeroo ammaa gootota yeroon barbaadu horachuun injifannoo galmeessaa jiraachuus ibseera.
Damee hundaan milkaa’inoota galmeessuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun badhaadhina hundagalessa dhugoomsuuf gootota baraa horachaa akka jirtu himeera.
Qabeenya qabdu gabbisuu fi hojiira oolchuun badhaadhina mirkaneessuuf gootota adda duree halkanii fi guyyaa dhama’an horachaa jirti jedheera.
Gufuulee hedduu ce’uun laga ofii, maallaqaa fi beekumsaa ofiin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa kan milkeesse goota baraa horachuu ibseera.
Itiyoophiyaan akkuma kaleessaa har’as borus goota ishee leellisuu itti fufti jedheera.
Wareegama Abbootiin kaleessa kaffalan yaadachuu qofa osoo hin taane baguma wareegama kana kaffalle akka jedhan taasisuun murteessaa akka ta’e himeera.
Kana milkeessuuf ammoo gootummaa baraa dhugoomsuun barbaachisaadha jedheera.
Gootummaan baraa hiyyummaa injifachuun of danda’uu fi birmadummaa Diijitaalaa mirkaneessuu akka ta’e ibseera.
Gootummaan har’aa kan kaleessarra daran bal’aa kan ta’e hirmaannaa ummataa dameewwan hundaan kan gaafatuudha jedheera.
#Oromia #Ethiopia