Goota biyyasaaf lubbuu hin mararfanne

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, birmadummaa biyyaa eeguu, nageenya lammiilee mirkaneessuu fi kabaja Alaabaa biyyattii ol kaasuuf raayyaa osoo of hin qusatiin dirqama isaa bahatudha.
 
Miseensota raayyaa ittisaa biyyattii haalonni rakkisoon dirqama isaanii bahachuurraa duubatti kan hin deebisne; yeroo biyyi isaanii isaan barbaaddu hundatti owwaachuun tajaajila kennuun kan beekamanidha.
 
Gootni biyyasaaf lubbuu hin mararfanne kun, lubbuu isaa caalaa nageenya, bilisummaa fi birmadummaa biyyaaf dursa kennuun mallattoo isaati.
 
Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Kanaan dura  Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa birmadummaa biyyaa, kabajaafi faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuuf qophii gahaa qabaachuu ibsanii turan.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa humna meeshaa waraanaa qofa osoo hin taane, naamusaa, leenjii, beekumsa, teeknooloojii fi itti gaafatamummaa irratti hundaa’e ta’uun ijaaramaa dhufeera.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaa sababeeffachuun ergaa har’a dabarseen, raayyichi jijjiiramaan as fooyyessii dhaabbatummaan bu’aalee hedduu galmeessisuu kaasee, raayyaa hidhannoofi teeknooloojii ammayyaan gurmaa’efi naamusa raayyaa ittisaa gonfate ijaaramuu ibseera.
 
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan tibba tokko  teeknooloojii hubannoo namtolchee dabalatee teeknooloojiiwwan ammayyaa damee ittisaa keessatti fayyadamuun birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa eeguu keessatti baay’ee barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
 
Raayyaan ittisaa gaachana birmadummaa biyyaa ta’e kun teeknooloojiiwwan ammayyaan of ijaaraa addunyaa jabanaa waliin tarkaanfachuu itti fufeera.
 
Gootummaa abbootii isaarraa dhaales dhaloota har’aatti dabarsuun, nageenyaafi tasgabbii biyyaaf akkasumas naannawichaaf wabii ta’uuf gumaacha isaa itti fufeera.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

Comments (0)
Add Comment