Finfinnee, Onkololeessa 1, 2018 (FMC) –Gootummaan meeshaa waraanaa hidhachuun socho’uu osoo hin taane hojjetanii biyya misoomsuun ifoomuu qaba jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma Koriidarii baadiyyaa ilaalchisee hoggantoota mootummaa federaalaa fi naannolee waliin mari’ataniiru.
Hojjitanii biyya misoomsuu, jireenya lammiilee fooyyessuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessutu gootummaadha jedhan marii isaaniin.
Yeroon ammaa yeroo qawwee hidhatanii garmaamuun gootummaa jedhamanii miti jedhan.
Gootummaan hojjetanii jijjiiramuun ifoomuu qaba.
Qaamoleen gootummaa karaa sirrii hin taaneen hubatan humna isaanii waan hiikoo hin qabnetti fixuurra jireenya lammiilee jijjiiruuf hojjechuu akka qaban ergaa dabarsan.
Naannolee tokko tokkotti Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an gara qa’eetto deebisuun jireenya isaanii jijjiiruun Itiyoophiyaa rakkoo keessaa baasuu qabna jedhan.
Hayilamaariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.