Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) –Gootummaan bara kanaa hiyyummaa fi duubatti hafummaa hambisuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu ta’uu Ministirri Muummee itti aanaan Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsan.
Obbo Tamasgeen Xirunaan dorgommii ogummaa, Teeknooloojii, qorannoo fi qo’annoo biyyaalessaa 4ffaa eegalchiisaniiru.
Injifannoon Ebla 27 agarsiiftuu gootummaa fi ibsituu eenyummaa ta’uu eeraniiru.
Misoomni ogummaa guddinaa fi badhaadhina biyyaaf murteessaa ta’uu hubatamuun baroota darban keessa dhaloota kalaqaan, ga’umsa qabuu fi ogummaan ga’oome horachuun danda’amuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaa kana dura gootota weerartoota qolchuun seenaa hojjetan qabaachaa akkuma turte har’as dhaloota ogummaa fi ga’umsaan jijjiirama hundagaleessa galmeessuu danda’an qabdi jedhan.
Gootummaan yeroo ammaa hiyyummaa fi duubatti hafummaa hambisuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessudha jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia