Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2018 (FMC)- Guddina diinagdee Itiyoophiyaaf dameen dhuunfaa qooda olaanaa bahachaa jira jedhan Itiyoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Maariyaam Saaliim.
Baankiin Addunyaa deeggaraa ijoo Itiyoophiyaa ta’uu kaasanii, dameewwan garaagaraan deeggarsa taasisaa akka jirus ibsan.
Keessumaa dameewwan qonnaa, loojistiksii, teeknooloojii, fayyaa, barnoota, carraa hojii uumuufi kanneen biro keessatti qindoominaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Bu’aalee Itiyoophiyaan dameewwaan addaa addaa keessatti galmeessite jajjabeessaa ta’uu fi fooyya’iinsi diinagdee gooroo kanaaf gahee olaanaa bahachuu himan.
Hirmaannaan dameen dhuunfaa guddina diinagdee biyyattii keessatti qabu guddachaa dhufuu eeruun, kunis fooyya’iinsa diinagdee waarawaa fi hammataa taasisuu danda’a jedhan.
Keessumaa dameewwan manuufaakchariingiifi tajaajilaa keessatti hirmaannaan damee dhuunfaa cimuu akka qabu dubbatan.
Bu’aa qabeessummaan damee dhuunfaa misooma indaastirii biyyaalessaa galmaan gahuuf, diinagdee jabeessuufi carraa hojii babal’isuuf shora olaanaa akka taphatu kaasaniiru.
Tumsiifi deeggarsi baankichi Itiyoophiyaaf taasisu cimee kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna