Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Guddina Diinagdee waaraa mirkaneessuuf hubannoo namtolcheef xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha jedhe Mootummoota Gamtoomaniitti sagantaan Misoomaa.
Guddina Diinagdee waaraa mirkaneessuuf Teeknooloojii hubannoo namtolchee qaama tarsiimoo misoomaa taasiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiise.
Damichaan dursanii hin argamne taanaan yeroo itti aanu guddinni diinagdee biyyoota gidduu jiru caalmaatti walirraa fagaachaa deema jedhe.
Biyyoonni dandeettii teeknooloojii hubannoo namtolcheen guddiffachaa yoo deemaan carraan garaagarummaa jiru dhiphisuu kan jiraatu ta’uu eere.
Kanaaf guddina Diinagdee waaraan mirkaneessuuf ga’umsa diijitaalaa gabbifachuu, kenniinsa tajaajila mootummaa cimsuu fi bu’uuraalee misooma diijitaalaa babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiise dhaabbatichi.
Biyyoonni sagantaalee saayinsii fi teeknooloojii dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti argaman cinatti sagantaalee guddina beekumsa hubannoo namtolcheen deeggaran, keessattuu dandeettii hubannoo namtolchee dargaggootaa fi dubartootaa akka guddisan yaadaa kenneera.
Biyyoonni bu’uuraalee misooma teeknooloojii cimaa hin qabne carraa teeknoolookicharraa argamutti sirnaan fayyadamuuf ni rakkatu jedhe.
Gama biroon mootummoonni hubannoon namtolchee carraa hojii lammiilee akka hin cufne itti fayyadama Teeknooloojii hammataa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, akkasuma itti fayyadama odeeffannoowwan to’achuuf qajeelfamoota qopheessuu akka qaban yaadachiise.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.