Finfinnee, Waxabajjii 12, 2017(FMC)- Guddina diinagdeef aadaa hojii cimsuun dhimma murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil.
Mariin Paanaalii Ministeerri Hojiifi Ogummaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “ Aadaa Hojiifi Oomishtummaa Birmadummaa Biyyaaf” jedhuun qopheessan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Haala waqtaawaa addunyaa waliin tarkaanfachuuf ilaalchi aadaa hojii jijjiiramuu akka qabu Aadde Muufariyaat Kaamil waltajjicharratti ibsaniiru.
Guddina diinagdeef aadaa hojii cimsuun murteessaa ta’uu kaasanii, aadaa hojii cimaa fiduuf jijjiirama ilaalchaa fiduun akkasumas qabeenya uumamaa iddoo hundatti argaman sakatta’uu barbaachisa jedhan.
Itiyoophiyaan lammiilee aadaa hojii cimaa qabaniifi walabummaa diinagdee isaanii mirkaneeffatan horachuuf aadaa hojii cimsaa jiraachuufi dhaloonni egerees kana akka dhaaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hubachiisan.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa obbo Sayifee Darribeen gamasaaniin, dhaabbatichi muuxannoowwan aadaa hojii cimsuu danda’an tamsaasuun gaheesaa bahachaa jiraachuu dubbatan.
Kaayyoon marii kanaas jijjiirama aadaa hojii fiduuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin mari’achuufi ejjennoo waloo qabachuun hojjechuuf akka ta’e hubachiisaniiru.
Maartaa Geetaachootu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.