Guddina gama maraa fiduuf dameen bulchiinsaafi tajaajila mootummaa gahee olaanaa qaba- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Guddina gama maraa fiduufi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf dameen bulchiinsaafi tajaajila mootummaa gahee olaanaa qaba jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa Walga’ii Idilee 5ffaa Koree Hoggansa Olaanaa Riifoormii Bulchiinsaafi Tajaajila Mootummaa gaggeessineera jedhan.

Marichaan kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee marsaa jalqabaan gara Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob galaniifi dhaabbilee marsaa lammaffaan gara giddugalichaa galuuf qophii xumuran  ilaalleerraas kaasan.

Dabalataanis gabaasa sochii qophiin duraa naannoleeniifi bulchiinsi magaalotaa lameen Masoob eegalchiisuuf hojjechaa jiran gamaaggamneerra.

Dhaabbileen marsaa jalqabaan gara Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob galan sadarkaa kaa’ameen tajaajila si’ataa kennaa jiraachuun isaanii ilaalamuus eeraniiru.

Hojiileen dhaabbilee marsaa lammaffaan gara giddugalichaa galaniifi naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa lameenitti hojjetaman haala kamiin hojjetamuu akka qabaniifi hojiirra oolmaa isaaniirratti kallattiin kaa’amuu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment