Guddina Itiyoophiyaatti argameef hojjettoonni mootummaa sadarkaan jiran qooda adda duree qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Guddina Itiyoophiyaatti argameef hojjettoonni mootummaa sadarkaan jiran qooda adda duree qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jirurratti argamuun yaadaa fi gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Qonnaan bulaan kan oomishu bu’aa yoo argate qofa.

Qaala’iinsi yoo hin jiraanne guddinni hin jiru,garuu walmadaalaa deemuu qaba jedhan Dooktar Abiy yaada kennaniin.

Qaala’iinsa gatii fi fedhii walsimsiisuun kan dand’amuu namni dhuunfaan kamuu galii fedhii isaa gitu maddisiisuu yoo danda’edha.

Galii nama hundaa dabaluun kan danda’mu ammoo guddinaa mirkanessuudhan jechuun ibsan.

Misoomni hojjettootaa mootummaa dagatee Itiyoophiyaa keessatti yaadamuu hinqabu.

Guddina Itiyoophiyaatti argameef hojjettoonni mootummaa sadarkaan jiran qooda adda duree qabu jedhan.

Mootummaan gaaffilee barsiisonnii fi ogeeyyiin fayyaa kaasan roga gaariin ilaala, furmaata waaraa kennuufis ni hojjeta, qaamolee kanneen waliinis waliigalteerra geenyarra jedhan.

Gaaffiin ture sirrii ta’us kanneen gaafficha butuuf yaalaan ni jiru jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment