Guddinni damee qonnaa guddina dameewwan biroo waliin walitti hidhamee waan hojjetameef abdii keenya arguu dandeenyeerra—Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Guddinni damee qonnaa guddina dameewwan biroo waliin walitti hidhamee waan hojjetameef abdii keenya qabatamaan arguu dandeenyeerra jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mata duree ” Daawwannaa Mana Maree Ministirootaa Kooyishaatti” jedhuun gamaaggama raawwii hojii guyyoottan 100 jalqabaa bara baajataa 2018 Ministiroota waliin hidha Kooyishaatti gaggeessaniiru.

Obbo Addisuu Araggaan wayita kana dameewwan hundaan raawwii jajjabeessaan galmaa’uu dubbataniiru.

Guddinni damee qonnaa guddina dameewwan biroo waliin walitti hidhamee waan hojjetameef abdii keenya arguu dandeenyeerras jedhan.

Hidhi Haaromsaa, Jallisiin Walmal, Warshaan Xaa’oofi pirojektoonni gurguddoon biroon badhaadhinni Itiyoophiyaa waan hin oolle ta’uu isaaf agarsiistuuwwan ta’uus eeraniiru.

Akka raawwiin kun agarsiisutti galmoonni kaa’aman milkaa’inaan hojjetamaa jiru; guddinni damee qonnaas jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaan kan ibsamudha jedhan.

Bu’aaleen galmaa’an qormaatilee keessatti ta’uun isaa ammoo biyyi keenya qormaataaf osoo hin jilbeenfatiin imala milkaa’aa taasisuu kan agarsiisudha jechuun ibsaniiru.

Aadaan hojii haaraan uumamaa jiraachuu argeera kan jedhan obbo Addisuu Araggaan uummata hirmaachisuun dandeettiin raawwachiisummaa guddachaa dhufuus taajjabeera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment