Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018 (FMC) – Guddinni diinagdee Itiyoophiyaa hariiroo isheen Xaaliyaanii waliin qabdu guddiseera jedhan Xaaliyaaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaan.
Ambaasaaddar Dammituun Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, hariiroon gam-lameefi damee hedduu biyyoota lameenii yeroo ammaa sadarkaa olaanaatti ceheera.
Keessumaa hojii dippiloomaasii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojjetaniin xiyyaarri yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti hojjetamte “Tsahaay” gara biyyaatti deebi’uu yaadachiisan.
Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin yeroo garaagaraatti Itiyoophiyaa daawwachuu fi hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii akka fooyya’uuf hojjetamuu ibsaniiru.
Hariiroon biyyoottan lameenii dameewwan diinagdee, siyaasaafi hawaasummaan guddachuu kaasanii, dhaabbileen Xaaliyaanii hedduun hojiilee invastimantii Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’an taasifameera jedhan.
Dabalataanis ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, indaastiriifi oomisha konkolaataa, huccuufi bu’aalee gogaa akkasumas bunaafi bu’uuraalee qonnaa irratti biyyoonni lameen waliin kan hojjetan ta’uus eeran.
Yeroo ammaa dhaga’amtummaafi hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa guddachuu eeruun, qabeenyi uumamaafi humni namaa qabnu abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaataniif carraa kan uumanidha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.