Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Godina Gujiitti bara kana buna toonii kuma 55 ol gabaaf dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti bunni toonii kuma 39 ol gabaaf dhiyaateera jedhe Waajjirri Qonna godinichaa.
Godina Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisootti bunni sanyii filatamaan oomishamaa jiru Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaafi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa dabalatee hoggantoota olaanoon daawwatameera.
Godinichatti lafti heektarri kuma 1fi 800 ol bunaan uwwifamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonna Godinichaa obbo Dastaa Gabrayees himaniiru.
Bara kana biqiltuu sanyii filatamaa miiliyoona 57 dhaabuuf karoorfamee biqiltuun miiliyoona 56’tti siqu dhaabbachuus ibsan.
Kanarraas oomishni kuntaala miiliyoona 1fi kuma 100 fi kuma 32 kan eegamu ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna