Gumiin Balal Marsaa 47ffaan taa’amaa jira

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC)- Gumiin Balal marsaa 47ffaan mata duree ”waliigaltee diimokiraatawaa tokkummaa sabdaneessaaf” jedhuun taa’aamaa jira.

Gumiin Balal Marsaan 47ffaan kun guyyaa saboota,sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa yeroo 20ffaaf kabajamu sababeeffachuun kan taa’amu ta’uun ibsameera.

Gumii Balal Marsaa 47ffaa kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan, duudhaa waliin jireenyaa cimaan akka jiraatuuf gumaachi hayyootaa olaanaa ta’u dubbatan.

Hayyoonni ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahaniif waltajjiin kun shoora olaanaa qabaachuu eeran.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa AbdurraAhmaan, saboota, sablammootaafi uummattoota Itiyoophiyaa waloon biyyattii keessa akka jiraataniif heerri mootummaa kan mirkaneesse ta’uun beekamee walooma jiru kana caalaatti cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Biyya waloominni keessatti mirkanaa’ee badhaadhinni waloo itti masakame akka tatuuf hundi cimee hojjechuu qaba jedhan.

waldhibdee jiru karaa marii biyyaalessaatiin furuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Hayyoonnis ijaarsa biyyaaf gahee isaanii akka bahaniif dhaamaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment