Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) – Gurgurtaan sanada Kaaznaa Mootummaa fi qabeenya Sanadaa ifatti eegaleera.
Baankiin Biyyaalessaa, Abbaan Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa fi Gabaan Qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaa waloon ta’uun adeemsa gurgurtaa sanada Kaaznaa Mootummaa fi qabeenya Sanadaa ifatti eegalchiisaniiru.
Adeemsi gurgurtaa har’a ifatti eegale kun sanada Kaaznaa Mootummaa bifa ammayyaan gabaaf banaa taasisuu fi filannoo humna Faayinaansii dabalataa ta’uu akka danda’u ibsame.
Gabaa Kaappitaalaa amanamaa, iftoomina qabuu fi haqa qabeessa ta’e ijaaruu, dhiyyeessa Faayinaansii fooyyessuu fi filannoowwan Invastimantii caalmaatti babal’isuuf qooda olaanaa qaba jedhame.
Sanadni Kaaznaa Mootummaa gabaaf banaa ta’uu fi gabaan qabeenya Sanadaa agarsiiftuu bu’aa fooyyessi diinagdeeti jedhan saganticharratti kan argaman Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Hanqina baajataa jiru bifa adeemsa gabaan durfamuun guutuuf gurgurtaan Sanada Kaaznaa Mootummaa barbaachisaa ta’uu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun dubbataniiru.
Sirna Faayinaansii hammataa ta’e ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeran.
Baankiin Gadaa fi Wagaagan dhaabbilee Faayinaansii dursanii Gabaa Qabeenya Sanadaatti makamaniidha.
Miikiyaas Alamuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.