Gurmaa’iinsi gandaa haaraan nageenyii fi misoomni akka fooyya’uuf bu’uura ta’eera jedhame

Finfinnee, Caamsaa 1,2017 (FMC) – Godina Shawaa Bahaatti gurmaa’iinsi gandaa haaraan haalli nageenyaa akka fooyya’uu, hirmaannaa fi fayyadamummaan uummatni dinagdee keessatti qabu akka guddatu bu’uura ta’uu jiraattonnii fi hoggantoonni ibsan.

Rakkoon bulchiinsa gaarii fi kenni tajaajilaa akka furamuu fi hirmaannaa uummanni misoomaa fi nageenya mirkaneessuu keessatti qabu akka cimuuf rifoormiin gurmaa’iinsa gandaa haaraan erga hojiirra ooluu eegalee bubbuleera.

Kana hordofees kenni tajaajilaa sadarkaa aanaa qofatti rarra’ee uummata dhamaasaa ture gara gandaatti gadi bu’uun uumnni gama hundaan tajaajila mootummaarraa barbaadu saffisaa fi qulqullinaan argachuu akka danda’uuf hojjetamaa jira.

Godina Shawa Bahaa aanaa Aqaaqiittis gandoota rifoormiin kun hojiirra oole keessatti bu’aan eegame argamaa akka jiru jiraattonni himaniiru.

Aanichatti jiraattonni gandoota qonnaan bulaa Abbaa Saamu’eel fi Ganda Duffaa  waajjiraalee gandaa haaraa ijaarrachuun tajaajila argachaa jiran cimsachuuf tumsaa kan jiran yoo ta’u, gurmaa’insi caasaa gandaa haaraa mootummaan gadii buuse kenna tajaajila fooyyessuun misooma keenya saffisisaa jira jedhan.

Akka yaada jiraattota kanneeniitti tajaajila barbaachaaf yeroo fi daandii dheeraa fayyadamanii gara aanaatti deddeebi’uun waan hafeef, yeroo isaanii guutummaatti misoomaa fi nageenya mirkaneeffachuuf oolchaa jiru.

Erga caaseffamni haaraan kun gadi bu’ee haalli nageenyaa fooyya’uu, kenni tajaajilaa saffisuu, innisheetiiviiwwan misoomaa adda addaa bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi dargaggootaaf carraan hojii adda addaa sadarkaa gandaatti miijatee ijaaramanii hojjechaa jiraachuu Itti aantuun Bulchaa fi Ittigaafatamtuun Waajjira Qonnaa fi Lafaa aanaa Aqaaqii Aadde Dammituu Taayyee Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

Qonnaan bultoonni gandoota adda addaa kaleessa sodaa  nageenyaa fi komii kenna tajaajilaan rakkachaa turan, amma  hanga gurmaa’anii Tiraaktera bitachuun  sadarkaa misoomaa isaanii guddifachuutti ga’uu ibsaniiru.

Bulchaa Itti aanaan godinichaa obbo Guutaa Gadaa gama isaaniin, bu’aa gandoota garaagaraa keessatti galmaa’uu eegalee kana cimsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Gandoota godinichaa 302 keessaa gandoota 205 keessatti ijaarsi waajjiraalee gandaa geggeeffamuu fi hawaasni misoomaan, nageenyaa fi kenna tajaajilaan bu’aa dhandhamachaa  jiraachuus eeraniiru.

Muuxannoo gandoota kanneenii babal’isuun gandoota hunda waliin  ga’uuf caasaan mootummaa sadarkaa godinaarraa hanga gadiitti jiru karooraa fi qindoominaan hojjechaa jiras jedhan.

Gandooti rakkoo nageenyaan rakkachaa turan keessattis  mootummaa fi uummanni waliin qindoomuun hojii hojjetameen  farreen nageenyaa of keessaa baasuun gara misoomaatti deebi’uu himanii, harcaatiiwwan jiranis duguuganii xumuruun nagaan uummataa guutummaatti mirkanaa’ee misoomaa fi bulchiinsi gaariin diriire irraa akka fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin

Comments (0)
Add Comment