Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Poolisiin Magaalaa Finfinnee kabaja guyyaa hundeeffama Poolisii Itiyoophiyaa waggaa 116ffaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaman ifoomseera.
Sagantaan cufiinsa guyyichaa boru Addabaabayii Masqalaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sababa kanaan daandiwwan tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.
Haaluma kanaan:-
1.Daandiin 22 gara Addabaabayii Uraa’eelii – Masqalaa fudhatu, Gamoo Zarihuunitti,
2.Ibsaa Atilaasii gara addabaabayii Uraa’eel kan fudhatu, ibsaa Atilaasii fi Piikookiitti,
3.Daandii Boolee karaa Walloo safariin gara Addabaabayii Olompiyaa kan fudhatu, Addabaabayii Olompiyaatti,
4.Addabaabayii Masqal Filaawoorii gara Addabaabayii Gaazeebootti kan fudhatu, Addabaabayii Masqal Filaawooritti,
5.Daandiin Mana Amantaa Kiristaanaa qulqulluu Qiirqoosii gara Laga Harree fudhatu,
6.Qaxxaamura Agoonaa gara Addabaabayii Xilahuun kan fudhatu,
7.Addabaabayii Caffee Aannanii gara ibsaa Laga Harree kan fudhatu, Addabaabayii Caffee Aannaniitti,
8. Ibsaa Paarlaamaa gara Ministeera Dhimma Alaa kan fudhatu, Ibsaa Paarlaamaatti,
9.Addabaabayii Dubartootaa gara Qarsaa kan fudhatu, Addabaabayii Dubartootaatti,
10. Addabaabayii Dubartootaa gara Tootaalii Qarsaa kan fudhatu, Addabaabayii Dubartootaatti boru barii sa’aatii 10:00 eegalee cufaa ta’uu ibseera.
Dabalataan:-
– Addabaabayii Qulqulluu Uraa’eel gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,
– Olompiyaa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,
– Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,
– Ibsaa Harraambee gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu,
– Masaraa biyyaalessaa gara Addabaabayii Masqalaa kan fudhatu har’a waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee hanga sagantichi xumuramutti tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’uu Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrekterri Hariiroo Ummataa Komaandar Maarqos Taaddaasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia