Guyyaa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa itti taatu dhiyaateera- Dooktar Kaasaahun Gofee

Finfinnee, Fulbaana 19, 2018 (FMC) – Guyyaa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa itti taatu dhiyaateera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofee.

Dooktar Kaasaahun Gofee adeemsa marii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uuf irra geese ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Walga’iin Garee Hojii Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 6ffaan Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffame bu’aa qabeessa akka ture ibsaniiru.

Koreen Mariisistuu Biyyaalessaa Itiyoophiyaa sanada fuula 650 ol qabu dhiyeessuu kaasanii, sanadichi walga’ii Kanaan gamaaggamamuun raggaasifamuu eeraniiru.

Waltajjicharratti biyyoonni 30 ol Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf deeggaruus ibsaniiru.

Kunis yeroo kamiyyuu caalaa guyyaa Itiyoophiyaan miseensaa dhaabbatichaa itti taatu dhiyaachuu kan agarsiisu ta’uu kaasanii, yeroo itti aanutti hojiilee hafan xumuruuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Biyyoota miseensa dhaabbatichaa Itiyoophiyaa waliin marii gaggeessuu barbaadan irraa gaaffileen 200 ol dhiyaachuu fi yeroo itti aanutti mariiwwan carraa gabaa dam-hedduufi gam-lamee kan gaggeeffaman ta’uu ibsaniiru.

Walga’iin Garee Hojii 7ffaan baatii Amajjii keessa akka gaggeeffamuuf murtaa’uus yaadachiisaniiru.

Yashaambal Mihiratitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment