Guyyaa milkaa’inaa kan kabajnu imala guddinaa eegalle cimsuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuufi- TKM

Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Guyyaa milkaa’inaa kan kabajnu imala guddinaa eegalle daran guddisuun fi cimsuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuufi jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi Qaammee 3, Guyyaa Milkaa’inaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Itiyoophiyan bara baajataa xumurame milkaa’inoota hedduu galmeessisuu yaadachiisuun, fooyyessii diinagdee gooroo guutuu ta’e hojiirra oolchuun kan karoorsite milkeessuu ibseera.

Hojiileen diinagdee gooroo tasgabbaa’aa uumuu, birmadummaa nyaataa mirkaneessuu, dorgomtummaafi gahee gabaa oomishaalee indaastirii guddisuu, dandeettiifi seera qabeessummaa damee albuudaa cimsuu, gahee tuurizimiin diinagdee keessatti qabu guddisuu, diijitaalaayizeeshinii babal’isuu fi kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuun warreen xiyyeeffannoon hojjetaman ta’uu eereera.

Hojiilee qonna gannaa, misooma jallisii, maaddii guutuu fi sagantaa Ashaaraa magariisaa irratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuun milkaa’inni olaanaan galmaa’uus kaaseera.

Diinagdee gooroo tasgabbeessuurra darbee gabaa idil-addunyaaf oomishaaleen dhiyaachuu yaadachiisuun, Bunni, Maangoon, Midhaan Zayitaa fi kanneen biroon warreen eeraman ta’uu ibseera.

Bara baajatichaatti bunni qofti seenaa isaa keessatti bara sharafa alaa olaanaa argamsiise ta’uu kan ibse tajaajilichi, gama dhiyeessii fooniifi hanqaaquunis fooyya’iinsi guddaan argamuu yaadachiise.

Dandeettiin oomishuu indaastiriiwwanii daran fooyya’uu ibsuun, oomishaalee alaa galan hedduu oomishaa akka jiran, oomishaalee sadarkaa idil-addunyaatti dorgomuu danda’aniifi barbaadaman oomishuunis gara alaatti erguun galii Doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu galchuu eegaluus hubachiiseera.

Bu’uuraaleen misoomaa magaalotaa ammayyaa’aa dhufuu, maddeen annisaa gurguddoon kanneen akka Hidha Haaromsaa Guddichaa xumuramuun, dhaabbilee akka ‘Mandara Qulqullinaa’ ijaaramuun yeroo itti aanutti indaastiriiwwan gahoomsuufi dorgomaa taasisuuf bu’uura cimaa akka kaa’an yaadachiiseera.

Itiyoophiyaan albuudaafi bakkeewan hawwata tuurizimii qabdurraa akka fayyadamtuuf hojii bal’aan hojjetamuu eeruun, hojii warqee baasuufi gurgurtaa isaa sadarkaa olaanaan fooyyessuun milkaa’inni dinqisiisaan galmaa’eera jedhe.

Warqeen bara baajatichaatti Baankii Biyyaalessaaf dhiyaate kan baroottan darbanii dacha hedduun akka caalu kaaseera.

Bakkeewwan gahumsa tuurizimiis daran babal’achuu, daawwattootaaf haalli mijataan uumamuu, tuurizimiin konfiransii haala hin baratamneen guddachuun baricha keessa yaa’iiwwan idil-addunyaa 150 gaggeeffamuu ibseera.

Milkaa’inoonni kunneen milkaa’inoota seenaa jijjiiran ta’uu ibsuun, milkaa’inoota eegalaman itti fufsiisuufi mul’ata Itiyoophiyaa gara qabatamaatti jijjiiruuf Qaammeen 3 Guyyaa Milkaa’inaa jedhamee moggaafamuun mata duree “ Milkaa’ina Olka’iinsa Waaraaf” jedhuun taateewwan garaagaraan kabajamaa akka jiru yaadachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment