Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaan milkaa’inaan akka kabajamuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhan Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahamaan.
Guyyichi milkaa’inaan akka kabajamuuf Manni Maree Federeeshinii, Naannoon Oromiyaafi Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa qindoominaan hojjechaa akka jiran aadde Sa’aadaan eeraniiru.
Qophii kabaja guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaa ilaalchisee magaalaa Jimmaatti waltajjiin marii gaggeeffameera.
Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan wayita kana, Guyyichi milkaa’inaan akka kabajamuuf naannichi yeroo itti gaafatamummaa fudhate irraa kaasee hojiilee qophiin duraa irratti xiyyeeffannoon hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.
Guyyichi heddummina, walooma, duudhaalee waloofi hariiroo uummattoota Itiyoophiyaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Barii filannoo waliigalaa 7ffaa fi mariin biyyaalessaa milkaa’inaan xumuraman kabajamuun isaa ayyaanota Kanaan dura kabajaman irraa adda akka isa taasisus kaasaniiru.
Ijaarsa biyyaaf dandeettii dabalataa haala uumuu danda’uun akka kabajamuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaan qopheessummaa naannoo Oromiyaan; qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniin magaalaa Jimmaatti kabajama.
#Oromia #Ethiopia