Guyyaan Dubartootaa Addunyaa giddugala Ajaja Daaloolitti kabajame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2017 (FMC) – Guyyaan dubartoota addunyaa 49ffaan mata duree ‘jijjiirama hundagaleessa guddina biyyaatiif’ jedhuun giddugala Ajaja Daaloolitti kabajameera.

Dubartootni dhiibbaa irra gahu hunda dandamachuun biyya tiksaa jiraachuu Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrekterri Daayrektooreetii Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Birgaader Jeneraal Hulluuhagarish Darrasaan himaniiru.

Ajajaan giddugala Daalool Letenaal Jeneraal Zawduu Balaay gama isaaniin hojii olaantummaa seeraa kabachisuuf hojjetamuun cinaatti dubartoota aangoomsuun giddugala kamittuu aadaa ta’u qaba jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment