Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) – Guyyaan dubartootaa idil-addunyaa bara kanaa mata duree “Sagalee Dubartootaa Walqixxummaafi Itiyoophiyaa Badhaateef” jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Guyyichi sadarkaa idil-addunyaatti yeroo 115ffaaf akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 50ffaaf kabajamaa kan jiru yoo ta’u kabajni guyyichaa mirga dubartootaa gara jijjiirama qabataatti fiduun qoqqoodiinsa qabeenyaa, hirmaannaa hawaasummaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffatedha.
Dabalataanis injifannoowwan dubartootaan argaman itti fufsiisuufi rakkoolee fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuu irratti mul’atan furuun hojiileen badhaadhina dubartoota Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalaman cimanii akka itti fufaniif waadaan kan itti seenamu ta’uunis eerameera.
Waggoottan jijjiiramaa darbanitti fayyadamummaa dubartootaa guddisuun kan danda’ame yoo ta’u Itiyoophiyaatti dubartii pirezidaantii jalqabaa dabalatee dubartoota gara hoggansaatti fiduun danda’ameera.
Akkasumas dubartoonni miseensa kaabinee %50 dhaabbilee ijoo akka hogganan taasifameera.
Yeroo ammaa dubartoonni teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa %41 argatanii hawaasa bakka isaan buufate tajaajilaa jiru.
Dameewwan hawaasummaanis ta’ee diinagdeen hojiileen fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.