Guyyaan Haleellaan Ajaja Kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan yaadamataa jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) –Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan yaadatamaa jira.

Guyyichi giddugala leenjii Humna Qilleensaa Bishooftuutti mata duree, “Yoommiyyuu hin dagatamu Akka irra hin deebine “ jedhuun yaadatamaa jiraachuun ibsameera.

Sirnichi sagantaalee garaagaraa haleellaa waggaa shanan har’aa Ajaja kaabaarratti raawwatame yaadachiisaniin gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Itaamaajoor Shumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Itti aanaa Itaamaajoor Shumii Humna Waraanaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, Qondaaltoonni olaanoo waraanaa fi hoggantonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Andu’aalem Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment