Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) – Guyyaan har’aa Afrikaanotaa fi ummattoota gurraachaa maraaf guyyaa ifni aduu itti baheedha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Itiyoophiyaan waraana weerartuu gaarreen Adwaatti daangaa ishee sarbe, birmadummaa fi bilisummaa ummata isheetti bu’e injifachuun seenaa waggoota kuma 3 cichoomsuu dubbatan.
Walkabajuu fi waliin jiraachuu qaroomina addaa fi seenaa kabajaa wareegama dhiigaan kan nuuf dabarsan abbootii keenyaaf kabajatu mala jedhan.
Itiyoophiyaanonni har’a jiraannu biyya abbootiifi haawwan teenya du’anii nuuf tursiisan tokkummaafi jaalalaan jiraachuudhaan itti fufsiisuu qabna.
Isaanirraa barachuudhaan hiyyummaa, qoqqoodamuufi yaada duubatti hafunmaa hi’ii jechuudhaan Itoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuu qabna.
Yeroon itti Itiyoophiyaan guddaa taatee turte caalaa guddaa itti taatu fagoo miti jedhan.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.