Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa Waggaa 47ffaan Magaalaa Naqamteetti kabajamaa Jira

Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC)_Raayyaa Ittisa biyyaatti guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa Waggaa 47ffaan Magaalaa Naqamtee Istaadiyeemii Wallaggaatti kabajamaa Jira.

Guyyichi mata Duree “Mallattoo jabinaa Gachaanna Itiyoophiyaa” jedhuun sirnoota garagaraan kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Sirnicharratti Itaamaajoor Shumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, I/A Itaamaajoor Shumii Jeneraal Ababaaw Taaddasaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan, Qondaaltonni Olaanoo raayyaa ittisa biyyaa, jiraattonni magaalaa Naqamtee fi Naannawaa ishee fi keessummonni waamichi taasifameef biroon argamaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment