Guyyaan Hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan Amajjii 15 – 19, 2018tti kabajama

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Guyyaan Hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan Amajjii 15 – 19, 2018tti sagantaalee garaagaraan kabajama.

Guyyichi mata duree ‘Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo bilisummaa fi tokkummaati’ jedhuun kan kabajamu ta’uu ajajaan Humna Qilleensaa ramaddii 1ffaa fi koreen qophii ayyaanichaa Birgaader Jeneraal Biruuk Seeyifuun ibsaniiru.

‘Samii Leencotaa’ Itiyoophiyaa’ mata jedhuun agarsiifni qilleensarraa biyyoota garaagaraa waliin qindoominaan kan gaggeeffamu ta’uu eeran.

Agarsiifni Teeknooloojii dhaabbilee 25 ol hirmaachisu mata duree ‘dandeettii Ayiveeshinii gara fuulduraa haa ijaarru’ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, akkasuma dhaabbileen Chaayinaa, Hindii, Ameerikaa fi Afrikaa Kibbaa agarsiisicharratti ni hirmaatu jedhan Birgaader Jeneraal Biruuk Seeyifuun.

Fooramiin Humnoota Qilleensaa Afrikaa 3ffaan mata duree ‘hojii waloo keenya ni cimsina, addunyaa tasgabboofte ni uumna jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Ajajoonni waraanaa biyyoota Afrikaa 38 irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan ta’uu dubbatan.

Dabalataan mariiwwan ajajoota waraanaa fi ummaataas kan taa’amu ta’uu Birgaader Jeneraal Biruuk Seeyifuun ibsa kabaja ayyaanichaa ilaalchisee kennaniin.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment