Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan Sadaasa 21, 2018 Sagantaalee garaagaraan Magaalaa Bishooftuutti kabajama.
Ajaja Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leteenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan akkaataa kabaja guyyichaa ilaalchiisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, guyyichi fiigicha kiiloomeetira 10 dabalatee sagantaalee garaagaraan kan kabajamu ta’uu himan.
Fiigichi dorgommii kiloomeetira 10 kun mata duree” Humna Qilleensaaf humna guutuun nan fiiga “ jedhuun ni gaggeeffama.
Leteenaal Jeneraal Yilmaan, humna qilleensaa sadarkaa Itiyoophiyaa madaalutti ijaaruuf fooyyeessiwwan adda addaa taasifamaa jiru jedhan.
Itiyoophiyaan Humna Qilleensaa biyyoota Afrikaa dursitee kan ijaarte ta’uu kan ibsan Letenaal Jeneraal Yilmaan, tokkummaa fi Birmadummaa biyyaa eeguuf dhaabbata dirqama isaa bahachaa jirudha jedhan.
Guyyaa hundeeffama Humna Qilleensichaa kabajuuf magaalaan Bishooftuu qophiilee haalduree taasisaa jirti kan jedhan immoo Kantiibaa Magaalichaa Obbo Alamaayyoo Asaffaati.
Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komaandar Silaashii Sihiin gamasaaniin, Humni Qillensaa Atileetoota ciccimoo maqaa biyyaa waamsisaan heddu horachuu eeraniiru.
Dorgommicharratti Atileetonni biyya kessaa fi alaa kumni 25 ni hirmaatu jedhameera.
Iyyoonaadaab Andu’aalemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.