Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Guyyaan Sabaaf sablammootaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhan Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyaw Tashaagar.
Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 20ffaan mata duree ‘Waliigaltee Diimokiraatawaa tokkummaa sabdanessaaf’ jedhuun kabajama.
Kabaja guyyaa sabaaf sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.
Guyyichi obbolummaa sabaaf sablammootaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan obbo Aganyaw Tashaagar waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Sabaaf sablammoonni Itiyoophiyaa hundi walqixa ta’uu eeruun, tokkummaan Itiyoophiyaa haa ijaarru jedhan.
Ayyaanichi bakka kabajamutti guddina diinagdee fi Invastimantii babal’isuuf qooda akka qabu kaasan.
Guyyaan sabaaf sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaan qindeessummaa Mana Maree Fededereeshiniin qopheessummaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaan Magaalaa Hoosaanaatti Sadaasa 29, 2018 kabajama.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin