Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Godina Boorana Bahaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC)- Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Godina Boorana Bahaatti kabajamaa jira.

Guyyichi sagantaalee garaagaraan Magaalaa Nagellee Booranaatti kabajamaa jira.

Guyyichi mata duree “Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Sabdaneessummaaf ” jedhuun kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Afyaa’iin Mana Maree Nagaalaa Nagellee Booranaa obbo Huseen Waaqoo, Ayyaannichi aadaa waliin jireenyaa hawaasaa tumsuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Bulchaan Godina Booraana Bahaa obbo Abdurazaaq Huseen gama isaaniin, yeroo biyyi keenya injifannoo gama maraan gonfachaa jirtutti guyyicha kabajuun adda ta’a jedhan.

Godinni Booraana Bahaa kan saboonni adda addaa afaan garaagaraa fi aadaa fi amantaalee garaagaraa tokkummaa, jaalalaa fi wal danda’uun keessa jiraachaa har’a gahaani fi boris itti fufaniidha jedhan.

Mootummaan jiruufi jireenya uummata biyyatti jijjiiruuf waadaa gochaan bara itti mul’iseefi ol ka’iinsa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjetutti saboonni fi sablammoonni biyyatti hundi milkaa’ina imala badhaadhinaa tumsuu qabuus akeekan.

Saganticharratti qaamoleen hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment