Finfinnee, Sadaasa 12, 2018 (FMC)- Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan milkaa’inaan akka kabajamuuf qophiin gahaan taasifameera jedhen Manni Maree Federeeshinii .
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugalessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaanaatti Sadaasa 25- 29, 2018 ni kabajama.
Koreen nageenyaa fi tasgabbii ayyaannichaa Afyaa’’ii Mana Maree Federeeshinii Aganaay Tashaagar waliin mari’ateera.
Haaluma kanaan guyyicha kabajuuf qophiin gahaan taasifamuun eerameera.
Afyaa’ii Aganyaaw Tashaagar Korichi guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa milkaa’inaan kabajamee akka xumuramuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
Ayyaannichi karaa tokkummaa sabdaneessummaa akka kabajamuuf hojiileen hojjetaman deeggaramuu qaba jedhan.
Hojiilee korichi hanga ammaatti hojjeteef galateeffatanii, ayyaannichi karaa ho’aan kabajamee akka xumuramuuf qaamooleen nageenyaa tumsa barame akka taasisan gaafataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.