Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC)- Af- Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa bara kanaa bifa addaan kabajama jedhan.
Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisee mariin karooraa jalqabaa miseensota koree ijoo bakka obbo Aganyahu Tashaagar argamanitti gaggeeffamaa jira.
Obbo Aganyahu Tashaagar wayita kana akka jedhanitti, Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajamuun isaa gaaffii uummataa deebisuu mootummaa jijjiiramaa kan agarsiisudha.
Guyyichi rakkoolee akka biyyaatti ka’aa turan furuuf mariin sadarkaa biyyaatti wayita gaggeeffamutti kabajamuun adda isa taasisa jedhan.
Kanamalees guyyichi wayita Hidhi Guddichi Haaromsaa eebbisiifamutti akkasumas filannoo haqa qabeessi gaggeeffamutti kabajamuun isaa ayyaanicha adda kan taasisu ta’uu ibsan.
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Sadaasa 29,2018 Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti kabajama.
Yismaawu Adaraawutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.