Finfinnee, Hagayya 21, 2018 (FMC)- Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa kabajamuun hariiroo uummataa cimsuuf carraa uumeera jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aganyahu Tashaagar.
Qophii kabaja guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa 21ffaa ilaalchisee magaalaa Jimmaatti waltajjiin marii gaggeeffameera.
Obbo Aganyahu Tashaagar wayita kana guyyichi magaalaa seena qabeettiifi miidhagduu kan taate Jimmatti kabajamuun isaa dhugaawwan seenaa hedduu beeksisuuf carraa uuma jedhan.
Guyyicha tokkummaa, waloomaafi duudhaalee waloo cimsuun qooda ijaarsa biyyaa keessatti qabu haala bahachuu danda’uun kabajuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisuu isaanii ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia