Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Guyyaan yaadannoo wareegamtoota Guraandhalli 12 waggaan 89ffaan kabajamaa jira.
Mallattoo garbummaaf bitamuu diduu lammiilee Itiyoophiyaa kan ta’e yaadannoon guyyaa Wareegamtootaa Guraandhalli 12 magaalaa Finfinnee, Siidaa yaadannoo Wareegamtootaa Magaalaa Finfinnee Caffee Araaratti argamutti yaadatamaa jira.
Gootoonni durii saganticharratti argamuun Siidaa wareegamtootaa jala Abaaboo kaa’aniiru.
Pireezidaantiin Waldaa Gootota Durii Liji Daani’eel Jooteen saganticharratti ergaa dabarsaniin, dhaloonni har’aa wareegama abbootiin dur jaalalaa fi kabaja biyyaaf jecha kaffalan yaadachuun biyya eeguu qabu jedhan.
Geetasaw Yeshiiwaasiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.