Finfinnee, Sadaasa 3, 2018 (FMC) – Guyyoottan kurnan itti aanan keessa kutaaleen Ityophiyaa harki caalu qilleensa gogaa, aduu fi qilleensa’aa qabaatu jedhe Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa.
Kaaba, Kaaba Bahaa, Lixa, Giddugaleessaa fi Naannawaan Baddaa kibba Itiyoophiyaa halkanii fi Ganama qilleensa qorraa qabaatu jedhe.
Kutaaleen Rooba Waqtii Bonaa 2ffaa argatan Kibbi, Kibbi Bahaa, Kibbi Lixaa ammoo Rooba salphaa hanga giddugaleessaa akka argatan ragaaleen kan mul’isu ta’uu hime.
Kaabni, Giddugaleessi Lixaa, Godinaaleen Goondar, Goojjam, Beenishaanguul, Godinaaleen Baalee ammoo Rooba waqtii isaa hin eegne hammaan muraasa ta’e argachuu malu jedhe.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.