Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017(FMC) – Haala mijataa fooyyessi Diinagdee Gooroo mandhaleen uume beeksisuuf hojii dippiloomaasii cimaa fayyadamuun murteessadha jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Carraa Invastimantii alaa caalmaatti hawwachuuf uume hawaasa Idil Addunyaaf beeksisuuf hojiin dippiloomaasii cimaan fayyadamuun murteessaa ta’uu himan.
Ministeerri Dhimma Alaa hawaasni Idil Addunyaa waa’ee ajandaa fooyyessa Diinandee Mandhalee Itiyoophiyaa hubannoo gahaa akka argatan har’a qajeelfama ifoomseera.
Fooyyessi diinagdee Gooroo hunda galeessi Itiyoophiyaan taasifte jijjiirama qabatamaa galmeesseera jedhan obbo Ahimad Shiideen.
Qajeelfamni dippiloomaasii har’a ifoome kun yaa’insa Invastimantii dabaluun badhaadhina hundagalessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf murteessaa ta’uu ibsan.
Fooyyessichaan oomishaa qonnaa fi dandeettii Indaastirii oomishaa guddisuu fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun oomishtummaa guddisuun danda’amuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos himan.
Itiyoophiyaan dhiibbaa idaa hir’isuun biyya guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jiran keessa tokko ta’uu dubbachuun, itti fufiinsa akka qabaatu filannoowwan Invastimantii jiran beeksisuun murteessadha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.