Finfinnee, Mudde 13, 2018 (FMC) – Haala mijataa jirutti fayyadamnee hojii irratti bobbaaneen bu’aa qabeessa ta’aa jirra jedhan Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaatti hojii Invastimantii adda addaarratti bobba’an.
Oromiyaatti yeroo ammaa Warshaaleen 161 ol oomishaalee bakka bu’oo, warshaaleen 96 ol ammoo oomishaalee al ergiirratti xiyyeeffachuun oomisha garaagaraa oomishaa jiru.
Abbootiin qabeenyaa warshaalee kanneenis haala mijataa jirutti fayyadamuun oomishaalee gabaa biyya keessaa fi alaaf oolaan oomishuun bu’aa qabeessa ta’aa jirra jedhan.
Warshaan oomisha muka ‘NH – BAY’ jedhamu Magaalaa Bishooftuutti argamu oomishaalee mukaa fi bu’aalee isaa oomishuun gabaa alaa fi biyya keessaaf dhiyeessaa jira.
Warshaan kun meeshaalee dheedhii biyya keessaa ogeeyyii biyya keessan oomishaalee qulqullina olaanaa qaban oomishuun gabaa alaa fi biyya keessaaf dhiyeessa jedhan Itti Aantuu hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa aadde Fihiyiwoot Maammoon.
Yeroo ammaa lammiilee 300 oliif carraa hojii uumuu himan.
Hogganaan humna namaa fi Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii Warshaa Huccuu ‘Al – Mahadi’ ‘ Tumsee Baqqalaan gama isaaniin warshaan kun oomishaalee Huccuu fi bu’aalee huccuu oomishuun gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.
Warshaan kun lammiilee kuma 1 fi 700’f carraa hojii kan uume ta’uu eeruun, hawaasa naannoof bishaanii dhugaatii qulqulluu dhiyeessaa fi mana barumsaas ijaaraa jiraachuu ibsan.
Hojii Raawwachiisaan Warshaa oomisha Pilaastikaa Salamoon Yisaaq(STK) obbo Ballaxee Liman gama isaaniin, warshaan isaanii oomishaalee Pilaastikaa ujummoolee fi oomishaalee Baaxii manaa miidhagsuuf oolaan hedduminaan oomishuun guutuu biyyattii keessatti dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.
Warshaan kun Kaappilaata Birrii miiliyoona 18 hojii eegalee yeroo gabaabaa keessaatti kaappitaala isaa Birrii miiliyoona 200 olitti guddisuu dubbatan.
Keessattuu oomishaalee alaa gala turan biyya keessatti oomishuun sharafa alaa hambisaa jiraachuu dubbatan.
Xiyyeeffannoo mootummaan damee Manufakcharingiif kenneen hojjechuun bu’aa qabeessa akka taanuuf nu gargaareera jedhan namoonni kunneen.
Deeggarsii fi hordoffiin gama mootummaan godhamaafii jiru jajjabeessaa ta’uu eeran.
Hojjettoonni warshaalee kanneen keessa hojjetanis mindaa argannuun jireenyaa keenyaa fi maatii keenyaa dursaa, ogummaa hojiis gabbifachaa jirra jedhan.
Warshaaleen damee Manufakcharingii oomishaalee alaa gala turan biyya keessatti oomishanii gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessaa jiran sharafa alaa hambisuu fi galii sharafa alaa guddisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti Daayrekterri hordoffii, deeggarsaa fi To’annoo Manufakcharingii Injiinaar Boontuu Tashoomaan ibsaniiru.
Bara kana hanga ammaatti oomishaaleen biyya keessatti oomishamanii alatti ergamanirrii galiin Doolaarri miiliyoonni 300 fi miiliyoona 55 ol, akkasumas oomishaalee bakka bu’oon sharafa alaa Doolaara miiliyoona 800 hambisuu danda’uu himan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.