Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qooda fudhattoota waliin dhimmoota nageenyaarratti mari’achaa jira.
Mariin kun haala nageenya filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa naannolee fi bulchiinsa magaalootaa gamaaggamuurratti kan xiyyeeffateedha.
Boordichi akkaataa gabatee yeroon hojiilee hojjetamuu qaban hojjetaa jiraachuu ibsan Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatawarqi Hayiluun.
Amajjii 1, 2018 eegalee hojiin kaadhimamtoota galmeessuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsan.
Naannolee Filannoon itti gaggeeffamutti haala nageenyaa jiru ilaalchisee qaamolee nageenyaa naannoleef Magariifni, Keelloo fi Diimaan ramadamee ergamuu dubbatanii, waltajjii kanaan dhimmoota kanneenirratti gabaafni dhiyaachuun qooda fudhattootaan galteen itti kennama jedhan.
Haala nageenyaa jiru bu’uura gochuun filannoof qophii taasisuun itti fufa jedhan.
Pireezidaantoota naannolee, kantibaawwan bulchiinsa magaalotaa dabalatee qaamoleen nageenyaa fi hoggantoonni paartilee siyaasaa waltajjirratti argamaniiru.
Andu’alem Tasfaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.