Haala qabatamaa diinagdee Addunyaan Itiyoophiyaan cimina addaa fi guddina saffisaa argamsiiste- WMM

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – haala qabatamaa diinagdee Addunyaan Itiyoophiyaan cimina addaa fi saffiisa guddinaa argamsifteetti jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii guyyaa 100 ‘n gabaasa haala diinagdee addunyaa, raawwii diinagdee gooroo kurmaana jalqabaa fi haala guddinaa fi ilaalcha waliigalaa of keessaa qabu dhiyeesseera.

Bara baajata 2017 raawwii waliigalaa diinagdee cimaan itti fufuun %9.2 guddina waggaa mul’isuun eerameera.

Kunis %7.3 bu’aa qonnaa cimaa %13 guddina indaastirii akkasumas %7 .5 immoo damee tajaajilaan kan ibsame ture.

Hojii riifoormii hojjetamaa jiraniin, hojiilee misoomaa garaagaraa fi Invastimantii haaraa deeggaruun bara 2018 diinagdeen biyyattii %10. 2 akka guddatu ni eegama.

Xumuramuun Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa akkasumas jalqabbiin ijaaramuun Warshaa xaa’oo fi Gaazii Umamaa guddina diinagdee caalmaatti dadammaqsa.

Raagni guddina dameelee garaagaraa bu’aa cimaa akka argamsisu ni eera.

Qonna %7.8, Piroojektoota Maanufakcheeringi haaraa fi indaastiriiwwan galteewwan fooyya’oon deeggaramaniin %13.2 kan raagame yoo ta’u galmi Albuudaaf bara 2018 qabame akka caaluu akeekameera.

Dabalataniis guddina damee tajaajilaa kan mul’isan sochii daldalaa, Tajaajila geejjibaa yaa’insa tuuristii fi diinagdee diijitaalaa babal’isu fayyadamuun %9.3 akka guddatu ni eegama.

Daldalli alaa doolara biiliyoona 2.5 kan qaqqabe yoo ta’uu, kunis karooraa fi raawwii bara darbee kan caale ta’ee argame.

Dameen faayinaansii hojiilee misoomaa fi Invastimantii deeggaruuf gahee isaa bahataa jiraachuun ibsuun, kurmaana jalqabaatti %113 yeroo darbeerra caalmaa kan qabu Liiqaa dhiyeessuun eerameera.

Tajaajilli faayinaansii diijitaalaas cimaa deemuu eeruun, baatii sadii keessatti Birriin Tiiriliyoonni 6.5 socho’uun ibsameera.

Raawwiin waliigalaa dameelee hundaan bu’aa kan mul’isu yoo ta’u, Itiyoophiyaan gara ce’umsa caasaa fi adeemsa guddina diinagdee hirmaachiisaa fi waaraa ta’eetti ce’uuf imala taasiftuu kan mirkaneessu ta’uun kaafameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment