Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Haaroomsi aadaa waan qabnu damee hundaan caalaatti guddisuuf malee safuu fi duudhaa ture gatuuf akka taane hayyoonni ibsan.
Aadaa fi duudhaa ummata Oromoo guddisuufi caalmaatti cimsuuf haaromsi damee hundaan barbaachiisaa ta’uu Yuunivarsiitii Arsiitti Daayrektarri Institiyuutii Qorannoo Oromoo fi Qorataa fi barsiisaan Gadaa fi Seenaa Dooktar Mohaammad Namoo Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Haaromsi Aadaa dameewwan, Qonnaa, Barnootaa, Diinagdee, Beekumsaa, Aartii fi Miidiyaaleef ni barbaachisaa jedhan Dooktar Mohaammad.
Haaroomsi qonna irratti akka biyyattii taasifamaa jiru illee haaroomsa aadaa hojii irratti taasifamedha jedhan.
Biyyoonni akka chaayinaa fi Hindi yeroo 2 fi isaa ol haaroomsa aadaa gaggeessuun sadarkaa har’a irra jiran qaqqabuu dubbatu.
Itiyoophiyaanis safuu fi duudhaa ishee kara eegeen damee hundaan haaromsa taasisuun bu’aa qabeessa ishee taasisa jechuun eeraniiru.
Haaromsi aadaa damee diinagdee, barnootaa fi aartii irratti taasifamuus guddina hawaas-diinagdeef gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Haaromsi Aadaa gadaa fi duudhaa Oromoo keessa jiru jijjiiruu osoo hin taane beekumsa caaluuf cichoomsudha jedhan Dooktar Mohaammad.
Akkasumas beekumsa caaluuf hojjechuu akka ta’e himaniiru.
Haaroomsi aadaa akkaataa ittiin jiraachaa turreerratti gama hundaan jijjiirama taasisudha kan jedhan immoo Yuunivarsiitii Ambootti Barsiisaa Bulchiinsaa fi Misoomaa Salamoon Dassaalenyi.
Aadaan waan dhalli namaa waloon ijaarratee dhimma irratti bahatuudhas jedhan.
Kanaanis Aadaan amala haaromfamuu kan qabus ta’uus ni himu.
Haaromsi Aadaa akkaataa yeroo wajjiin deemuun danda’amuuf kan taasifamu ta’uu himuun, guddina dameelee garaagaraan argaman guddisuufis murteessaa ta’uun eeraniiru.
Qaaromina beekumsaan ammayyeessuun aadaa waa maraa haaroomsuun akka danda’amuus kaasaniiru.
Haaromsi aadaa hojiin, itti fayyadama yeroof, sirna barnootaaf, guddina biyyaaf , dagaaginaa ogummaa fi kanneen biroof hedduu barbaachisaa ta’uus akeekaniiru.
Waan of harkaa qaban cimsuun waan caaluutti ce’uuf haaroomsi aadaa kan barbaachisuu ta’uu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.