Finfinnee, Fulbaana 15, 2018(FMC) – Godina Wallagaa Bahaa magaalaa Naqamteetti haati tokko al tokkotti daa’immaan shan da’aniiru.
Jiraattuu magaalaa Naqamtee kan ta’an aadde Asteer Tarrafaa kan jedhaman Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti yeroo tokkotti Daa’imman 5 da’aniiru.
Aadde Asteer waggaa 5 dura daa’ima durba tokko erga da’anii asi daa’ima biroo osoo hin godhatiin turuu himaniiru.
Turtii waggaa shanii boodas guyyaa kaleessaa daa’imman dhiiraa 3 fi dubaraa 2 nagaan oofkalaniiru.
Yeroo ammaa haatii fi daa’imman isaanii sadarkaa gaarii irra kan jiran ta’uu Ispeeshaalistiin ulfaafi Gadameessaa Hospiitaalichaa Dooktar Biqilaa Lammii Faanaa miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru
Mabraatee Hundeetu gabaase