Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Haleellaan Ajaja Kaabaarratti raawwatame seenaa hunda keenya qaanesseedha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waaranaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan mata duree, “akka hin dabalamne yoomiyyuu hin dagatamu’, jedhuun yaadatameera.
Raayyaa Ittisaas ta’ee gootoonni Itiyoophiyaa wareegama kaffaluun biyya tursiisuu eeran Fiild Maarshaal Birhaanuun ergaa saganticharratti dabarsaniin.
Wareegamni ajajni kaabaa kaffale seenaa gurraacha yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa keessatti raawwatame ta’uu eeran.
Jireenya koo keessatti guyyaan daraan itti gaddeedha jedhan.
Diinni nama ganuun kan eegamuudha, garuu qomoon kee wayita siganuu fi garaa sitti jabaatu waan onnee namaa cabsuudha jechuun kaasan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.