Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC) – Hambaan dhala namaa waggoota miiliyoona 2.6 lakkoofsise kan moggaafni Paaraantirooppis jechuun kennameef nnaannoo Afaar Miillee Loogiyaatti argame.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa hojiilee hojjetu keessaa tokko hambaa dhala namaarratti qorannoo gaggeessuu ta’uu Itti Aanaan Daayrektera Olaanaa abbaa taayitichaa Eeliyaas Shukur ibsaniiru.
Qorattoonni Itiyoophiyaa qorattoota biyya alaa waliin ta’uun qo’annoo fi qorannoo dhala namaarratti gaggeessaniin Itiyoophiyaan bakka argama dhala namaa ta’uu Addunyaatti beeksisaniiru jedhan.
Guyyaa har’aas qorattoota Yuunivarsiitii Ameerikaa Chigaagoo waliin ta’uun sanyii dhala namaa kana dura argamee hin beekne argachuu dubbatan.
Argannoon kunis Itiyoophiyaa bakka argama dhala namaa ta’uu caalmaatti kan mirkaneesse ta’uu eeran.
Argannoon kun Barruu beekamaa Neechar jedhamurrati maxxanfamuu himan.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.