Finfinnee, Adoolessa 8, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18’f xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 ol karaa yuuniyeenootaa fi Waldaalee bu’uuraan qonnaan bultootaaf raabsame jedhe Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa.
Ejensichi bara oomishaa 2017/18 xaa’oo Keemikaalaa Kuntaala miiliyoona 10.5 alaa galchuuf karoorfatee hanga ammaatti kuntaala miliyoona 7 fi kuma 200 ol galchuu Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaatti Daayrektarri Kominikeeshinii Firoomsaa Abarraan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kana keessaa Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 ol karaa yuuniyeenootaa fi waldaalee bu’uuraan Qonnaan bultootaaf raabsamuu obbo Firoomsaan dubbataniiru.
Kanneen hafan mankuusaa yuuniyeenootaa fi waldaalee bu’uuraa keessaa waan jiraniif qonnaan bultoonni yeroon bitachuun itti fayyadamuu danda’u jedhan.
Al seerummaa gurgutaa xaa’oo ittisuuf sirni hordoffii fi deeggarsaa karaa qinda’aa ta’een raawwatamaa jiraachuus himaniiru.
Wagggootaan darban alseerummaa gama kanaan mul’ataa ture hambisuuf sirni gurgurtaa karaa Diijitalaan raawwatamaa jira jedhan.
Kanaanis rakkoolee kanaan dura turan furuun danda’ameera jedhan.
Galteen Qonnaa Keemikalaa farra aramaa kara Feedereshinii waldaalee Hojii Gamtaa Qonnaa Oromiyaatiin dhiyaachaa jiraachuus eeraniiru.
Haaluma kanaan keemikaali farra haramaa liitira miiliyoona 2 dhiyaate keessaa hanga ammaatti litirrri kumni 700 ol raabsamuu himan.
Sanyii filatamaa kuntaala kuma 400 fi kuma 57 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kumni 300 fi kumni 86 ol raabsamuu obbo Firoomsaan kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.