Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC) – Hanga Bitooteessa 10, 2018tti filattoonni miiliyoonni 18 fi kumni 500 ol galmaa’aan jedhe Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa.
Galmeen filattootaa filannoo Waliigalaa 7ffaa Guraandha 28, 2018 eegalee gaggeeffamaa jira.
Adeemsi filannoos Karaa Diijitaalaa fi Waraqaa(maanuwaaliin) gaggeeffamaa jiraachuu ibse.
Hanga guyyaa keessatti lammiileen miiliyoonni 18 fi kumni 509 fi kumni 56 fi 337 galmaa’uu himeera.
Kanneen keessa miiliyoonni 10 fi kumni 100 fi kumni 33 fi 639 dhiiraa fi miiliyoonni 8 fi kumni 400 fi kumni 22 fi 698 dubartoota ta’uu ibseera.
Raawwachiiftoonni filannoo kumni 100 fi kumni 87 ol buufataalee filannoo kuma 46 fi 757 irratti hojii galmee hojjetaa jiru.
#Oromia #Ethiopia